Waa'ee Keenya
Ergama,Mul'ata Duudhaalee fi Aangoo Abbaa Seerumma.
Ergama
Manneen Murtii Naannichaa ergama waliigalaa tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa, si’ataa fi bu’a qabeessa ta’ee, seera qofa irratti hundaa’uudhaan, haala loogii fi gartummaan ala ta’een kennuu dha. Hojii isaaniis bilisummaa guutuu fi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan raawwachuu dha.
Mul’ata
Bara 2022tti Mana Murtii Seera hiikuun haqaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessee amantaa uummataa horachuun biyyaa keenya keessatti fakkeenya ta’ee arguu.
Duudhaalee
- Bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa /judicial independence and accountability/
- Beekumsaa fi Gahumsa /knowledge and competence/
- Miira tajaajiltummaa /sense of stewardship/
- Iftoomina /transparency/
- Fayyalummaa /Propriety/
- Al-loogummaa fi wal-qixxummaa /Impartiality and equality/
- Tilmaamamummaa /predictability/
- Ejjennoo Gaarii /integrity/
Aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol’aanaa
Manni Murtii Ol’aanaa dhimmoota daangaa bulchiinsa godinichaa keessatti uumamaniin walqabatee aangoo abbaa seerummaa armaan gadii ni qabaata:
- Dhimmoota hariiroo hawaasaa fi yakkaa Manneen Murtii Aanaa godinichaa sadarkaa jalqabaatiin ilaalanii murteessan ol’iyyannoodhaan dhagahee murteessuu;
- Dhimma yakkaa adabbii hidhaa baaxiin isaa waggaa 15 oliin adabsiisuu danda’u irratti;
- Dhimma hariiroo hawaasaa qabeenya socho’u tilmaamni mallaqaa isaa qarshii miiliyoona 1 (tokko) olta’e, kan qabeenya hin sochoone tilmaamni mallaqaa isaa qarshii miiliyoona 3 (sadii) ol ta’e ilaalee murteessuu;
- Bu’uura Heera Federaalaa Keewwata 80(4) tiin, dhimma Federaalaa ilaalchisee aangoo sadarkaa jalqabaa Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa;
- Akkaataa Seerri Deemsa Falmii ajajuun, gaaffii dhimmi tokko Mana Murtii Aanaa tokko irraa gara Mana Murtii Aanaa biraatti yookiin gara Mana Murtii Ol’aanaatti darbee akka ilaalamu dhiyaatu ilaalee murteessuu;
- Seera birootiin Mana Murtii sadarkaa birootiif yoo kenname malee Murtii qaamoonni aangoo seeraan kennameef irratti hundaa’udhaan murteessan irratti ol’iyyannoo dhiyaatuuf ilaalee murteessuuf aangoo ni qabata. Murtiin inni dhimma akkasii irratti kennus isa dhumaa fi ol’iyyannoo kan hin qabne ta’a.
Gabaasa
Rawwii Gabaasa Hojii waggaa
Cases Handled 1200
Successful Resolutions 85%
Community Outreach Programs 30
Technology-Based Services Utilization 90%